Skip to content

Team

Poetry

Finfinneen kun eenyu?

Moo, Addis abebaa beektuu?

Ce’umsi argamakee

Irraanfattee firakee

Sirraa muree handhuurakee

Siif moggaase maqaakee

Si mullisee jiraakee

Hamaa sirraa ari’ee

Gaariin sirraan bari’ee

Kun marti sirra taree

Gaafa barri siif dabe

Gadheen sirratti wal makte

Maqaa abbaa kee dagattee

Hundeeffamni maqaakee

Achii dhufaan seenaakee

Eenyuun akka abuuramtee

Gaafuma bu’uurumaa deebitee ugguramtee

Wal keessa bulbulamtee

Akka waan dhi’oo argamtee

Maqaa haaratti cuubamtee

Abaaboon haaradha duruu

Dacheen tuulamaa martuu

Eessaa reefu argattuu?

Taa’ee itti yaadamee

Argannoo dura argamee

Ittumaan jiraatamee

Addis abebaa yenyaa no

Ya minilik lifaatii

Jetti sanyiin abashaadhaa keessa dashaatii

Aannaaqin maqaa jalqabaatii

Baruma dhiyoo kanaa

Nuti isa durii jennaa

Tufaan qonna qotataa

Gullallee bosona ciree

Bineensa irraa hari’ee

Egaa kanaan hin teenye

Seenaa jaarraan qorannee

Agamsatti duulanii

Markaatoo moggaasanii

Daalattiin dirree balloo jedhamtee

Arat kiiloon hurufa boonbii jiddaa maaf jedhamtee

Jaan meedaa caffee Aannanii meksiikoo jedhamte

Golboo naannessoo maddii cerqoosin maalif taati

Finfinneen gaaddisa odaa jedhamte seenaan maaf hinkatabnee.

Poetry presented by Diriba Gudina, in collaboration with TICO’s Social Relations Leadership Team.

TICO

Bulloo Baalchaa Barsiisaa Seenaa

TICO

Liyaa Aberraa, B.

TICO
Lammii Magarssaa.
TICO
Instructor Jimaa Nagawo Jimmaa University,
TICO
Dr. Amare Biiftuu
TICO
Lalisee Baqalaa G.u
TICO
Cabsii Taliilaa Galaan
TICO
Buttaa :ammii Yaa’ii
TICO
Artist Ayyaanoo bariisoo Kaarru
Tuulamaa International Civic Organization
 
Connecting communities for sustainable growth and development.
Engage